Bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay dargaggoota magaalaa Maqalee waliin mari’ate

Finfinnee, Muddee 18, 2013 (FBC) – Bulchnsi yeroo naannoo Tigraay dargaggooota magaalaa Maqalee waliin mari’ateera.

Bulchiinsichi kutaa hawaasaa waliin dhimmoota waqtaawaa waliin marii taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu himeera.

Maricharratti bulchaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannichaa Dooktar Muluu Naggaa, Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay fi kaantibaan magaalaa Maqalee obbo Ataakiltii Hayilasillaasee argamaniru.

Dargaggoonni maricharratti hirmaatan dhiibbaa kanaan dura naannichaatti ga’aa ture balaalleeffataniiru.

Hojii dhabdummaa fi fayyadamummaan haqa haqabeessa hin taane kana dura ture deebi’ee akka hin dhufne bulchiinsicha waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Bulchiinsi yerichaa dogongora kana duraarraa barachuun qaama kamiiyyuu osoo hin loogin dargaggoota giddugala taasiisuun kan hojjetu ta’uu Dooktar Muluu Naggaan ibsaniiru.

Jijjiirramichi loogii tokko malee dargaggoota waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dooktar Abrahaam gama isaaniin, jijjiirramni naannoo Tigraayitti dhufe yeroo kamiiyyuu caalaa tokkummaa, nageenyaa fi misoomaaf kan dhufe ta’uu himaniiru.

Injifannoon argame injifannoo ummata Tigraay hundaati jedhan.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment