Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay ajjeechaa lammiilee nagaarratti raawwatameef gadda itti dhaga’ame ibse

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Yeroo naannoo Tigraay ajjeechaa garee ABUTtiin lammiilee nagaarratti raawwatameef gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibseera.
Gareen Shororkeessaa ABUT namoota nagaa deeggarsa namoomaa dhiyeessa turanirratti haleellaa raawwachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo naannoo Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay dubbataniiru.
Gochaan raawwatame yeroo kan hin madaallee ta’uu eeraniiru.
Haleellaan lammiilee nagaarratti raawwatamu kun garichi abdii murachuu isaa kan agarsiisuudha jedhan Dooktar Abrahaam.
Haleellaa kanaan miseensonni deeggarsa yaalaa daangaa ce’aa ajjeeffamuu ibsaniiru.
Qindeessituun garichaa Maariiyaa Harnaandeez, itti aanaa qindeessaan kan turan Yohaannis Halafoom, Konkolaataa dhaabbatichaa Teedroos Gabra Maariyaam ajjeeffamuu Dooktar Abrahaam himaniiru.
Gocha garaa jabinaa kana hawaasni bal’aan balaaleeffachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Dhiyeessiin Deeggarsa namoomaa qaamolee nageenyaa Federaalaa fi naannichaa waliin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Dooktar Abrahaam haleellaa raawwateef gaddi guddaan itti dhaga’amuu ibsuun, maatii, firroottan, hiriyoota fi garee yaalaa daangaa ce’aa Ityoophiyaa keessa socha’aa jiraniif jajjabina hawwaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment