Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigiraay kutaalee hawaasaa magaalaa Maqalee waliin marii’ate

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigiraay kutaalee hawaasaa magaalaa Maqalee waliin marii’ate.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Dooktar Muluu Naggaa, Hoggaanaa Olaanaa Paartii Badhaadhinaa Tigiraay Dooktar Abrahaam Balaay, Ajajaa Olaanaa Ajaja Kaabaa Meejar Jeneraal Balaay Siyyuumfi Kantiibaa Bulchiinsa Yeroo magaalaa Maqalee obbo Ataakiltii Haylesillaasee maricha gaggeessaniiru.

Maricharratti abbootiin amantaa, jaarsoolii biyyaa dabalatee jiraattooni kutaa magaalichaa hedduun hirmaataniiru.

Hirmaattoonni marichaa gochaa badii gareen Juuntaa raayyaa ittisa biyyaa irratti raawwate balaalleeffataniiru.

Jiraattoonni nageenya magaalaa maqalee eegsisuuf poolisoonni ummataa ariitiin akka ijaaramanii hojii eegalan gaafataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment