Bulchiinsi Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaafi Baankiin Awaash waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Adoolessa 26,2014 (FBC)- Bulchiinsi  Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaafi Baankiin Awaash Sanada waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu waliif mallatteessuu ibsame.

Waliigalticha Daayrektarri Olaanaan Bulchiinsichaa Dooktar Shuumatee Gizaawufi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraaw mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaan deeggarsi maallaqaa hojii tajaajilchi nageenya saayibarii biyyattii ittiin mirkaneessu Baankii Awaashiin kan taasifamu yoo ta’u, tajaajilichi ammoo nageenya bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo baankichaa mirkaneessuuf deeggarsa kan taasisu ta’uu eerameera.

Bulchiinsichi ergama nageenya saayibarii biyyattii eegsisuuf dhaabbilee garaagaraa waliin dhimmoota addaa addaarratti kan waliin hojjetu ta’uu Dooktar Shuumateen ibsaniiru.

Waliigalteen Baankii Awaash waliin taasifames qaama hojii walta’iinsaafi qindoominaa tajaajilichaa ta’uu kaasaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Awaash obbo Tsahaay Shifarraaw gamasaaniin , Bulchiinsi  Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaa nageenya saayibarii dhaabbilee maallaqaa biyyattii dabalatee kan dhaabbilee biroo mirkaneessuuf hojii olaanaa hojjechaa jiraachuu eeruun, hojii isaa kana daran cimsuuf deeggarsi maallaqaa taasifamuu kaasaniiru.

Hojiin dhaabbileen lameen waliin hojjetan cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Bulchiinsa Nageenyaafi Odeeffannoo Biyyaalessaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment