Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo fi Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliigaltee mallateessan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015 (FBC) – Bulchiinsi Nageenyaa Odeeffannoo fi Ministeerri Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallateessaniiru.
 
Waliigaltechas Daayrektara Olaanaa Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa fi Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee mallatteessaniiru.
 
Waliigaltechi kenniinsa tajaajilaa Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ammayyeessuu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuun tajaajila saffisaa fi haqa qabeessaa lammiileef kennuuf dandeessisa jedhameera.
 
Obbo Solomoon sirna waliigaltechaarratti akka jedhanitti, waliigaltechi fayyadamummaa gama maraa dubartootaa fi miidhamtoota qaamaa mirkaneessuuf hojiilee minnisteerichi hojjetuu teeknooloojiin ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi haqa qabeessa akka kennu taasisa.
 
Dijitaal Ityoophiyaa 2025 dhugoomsuuf, beekumsa biyya keessaa fi abbummaa teeknooloojii mirkaneessuu fi birmadummaa dijitaalaa kabachiisuuf gahee isaa ni bahata jedhaniiru.
 
Dooktar Ergoggeen gama isaaniin, Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo waliin waliigaltee mallatteessuun ga’umsa gama maraa mana hojii ministeerichaa guddisuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.
 
Kana malees, kenniinsa tajaajilaa dijitaalaawaa taasisuu fi tuttuqqarraa walaboomsuun tajaajila saffisaa fi haqa qabeessaa kennuuf akka dandeessisu ibsuu ragan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa.
 
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment