Bulchiinsi Mootuummaa naannoo Amaaraa ergaa baga geessanii Ayyaana Irreechaa dabarse

Finfinnee, Fulbaana 22, 2014 (FBC) – Bulchiinsi mootuummaa naannoo Amaaraa ergaa baga geessanii Ayyaana Irreechaa bara 2014 dabarseera.

Ayyaana jaajalala, obbola’ummaa, tokkummaa, Araaraa, duudhaa galateeffannaa fi hawwii gaarii Ayyaana Irreechaa bara 2014 ummanni Oromoo fi Ityoophiyaa marti baga nagaan geessan jedheera.

Ayyaanni kun kan duummeessa hammeenyaa baleessuun bara jaalalaa fi Badhaadhinni itti argannu akka ta’u hawwii gaarii hawweera.

Ayyaanni Irreecha ayyaana duudhaa fi galateeffannaa ummanni Oromoo Ityoophiyaaf gumaache keessaa tokko ta’uu isaan Ayyaana gammachuu ummata Ityoophiyaa maraa ta’uu ibseera.

Ayyaanni Irreechaa barana wayita diinoota Ityoophiyaa barbadeessuuf falmiirra jirrutti kabajamuun isaa caalmaatti tokkummaa fi obbola’ummaa keenya kan itti muul’ifnuudha jedhe mootummaan naannoo Amaaraa ergaa baga geessanii dabarseen.

Ayyaanni Irreechaa muul’istuu tokkummaa fi obbola’ummaati.

Ummanni Oromoo rakkoo naannoo Amaaraa muudateef dhiyyeessi qabeenyaa taasiisaa jiruun ala wareegama diina Ityoophiyaa qolachuuf kaffalaa jiruuf galata guddaa kan qabu ta’uu ibseera.

Akkuma Ganni ulfaataan darbee booqaan birraa ba’e, ummanni Ityoophiyaa hundi tokkummaa fi gamtaan qormaata muudate keessaa ba’uun badhaadhinaaf akka ga’u amantaa qabaachuu eereera.

Ayyaanni Irreecha ayyaana yeroon itti aanu abdii gaarii ta’uu waadaa itti gallu ta’uu isaan Ummanni Amaaraa fi Oromoo sabaa fi sablammoota biroo waliin Ityoophiyaa hundaaf mijattuu fi badhaatuu uumuuf tokkummaan akka dhaabbatan hawwii isaa ibseera.

Ayyaanni Ireechaa ayyaana jaalalaa, araaraa, tokkummaa fi nageenyaa akka ta’u hawwii gaarii hawweera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment