Bulchiinsi magaalichaa Siinoodoosi dhaabbii mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’ate

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Siinoodoosii dhaabbii mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’ateera.
Dhimma Addabaabayii Masqalaa fi iddoo Cuuphaa Hurufa Boombii ilaalchisee gaaffii ka’anirratti marii taasiisuu ibsameera.
Marichis bifa namuusa gaarii,waldhaggeeffachuu fi miira waliigalteen gaggeeffamuu bulchiinsi magaalichaa ibseera.
Gaaffii Manni Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Tawaahidoon Addabaabayii Masqalaa fi Iddoo Cuuphaa Hurufa Boombii ilaalchisee kaasu dabalatee yeroo gabaabaa keessatti koree waloo keessoo hundeessuun yeroo itti aanu marii taasiisuun deebii waaraa laachuuf walii galamuu ibsameera.
Manni Amantichaa fi bulchiinsi magaalichaa gara fuulduraa dhimmoota misoomaa, nageenyaa fi kanneen biroorratti yeroo kamiiyyuu caalaa waloon hojjechuuf walii galuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment