Bulchiinsi magaalichaa Raayyaa Ittisaa adda waraanaa Gaashanaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa Gaashanaanitti argamuuf deeggarsa taasiseera.
Jilli Itti aanaa kaantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbayyiin durfamu miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa adda waraanaa Gaashanaaf bakkichatti argamuun deeggarsa laateera.
Sangoota 48, Re’oota 79 fi uffata qorra kuma 21 deeggarsa kan taasise yoo ta’u, bulchinsi magaalaa Finfinneen deeggarsa adda waraanaa garaagaraatti taasiisu kan itti fufu ta’u Obbo Zhaanxiraar ibsaniiru.
Deeggarsi taasifamu injifannoo galmaa’aa jiruuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru.
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment