Bulchiinsi magaalichaa qala’iinsa jireenyaa hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira-Aadde Adaanech

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalichaatti qaaa’iinsa jireenyaa mul’atu hambisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen dubbatan.

Manni Maree Bulchinsa magaalichaa yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessaa jira.

Aadde Adaanech miseensota mana marichaarraa gaaffilee ka’aniif deebii fi ibsa bal’aa kan kennan yoo ta’u, qaala’iinsa jireenyaa ilaalchisuun gaaffii dhiyaateef deebii kennaniin, bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa hambisuuf hojjechaa jiraachuu himuu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.

Giddugalota gabaa sadii ijaarsisuun, fuuncaa gabaa hir’isuu fi oomishtoonni kallattiin shamattootaaf akka dhiyeessan taasisuun hojiin gabaa tasgabbeessu hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataan gabaa Dilbataa 172’tti oomishaalee nyaataa gatii madaalawaan dhiyeessaa jirachuu eeruun kunis cimee kan itti fufuudha jedhan.

Kana malees, harka qalleeyyiif maaddi qooduu, nyaata barattootaa fi dhiyeessiin oomisha daabboo gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment