Finfinnee, Gurraandhala 27, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaala’iinsa jireenya tasgabbeessuuf hojjechaa jiraachuu Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanach Abeebee himaniiru.
Kaleessa galgalaa koreen bulchiinsi magaalichaa daawwannaa taasiseen zayita magaalichaarra fe’amee bahaa ture to’annaa jala oolchu himaniiru.
Zayitaa fi meeshaalee nyaata biroorratti daballii gatii taasisuuf haalli dirqamsiisuu kan hin jirree ta’uusaa kan ibsan aadde Adaanach, hanqinni oomishaalee jiraatuus oomishaalee jiran ammoo hawaasaaf sirnaan dhiyeessuun dirqama jedhaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa jireenya tasgabbeessuuf gabaa Dilbataa babaldhisuun hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Akkasumas oomishaalee barbachisoo ta’aan dhiyeessuuf sakattoo fi to’annoo taasifamaa jira jedhaniiru.
Kanarra darbees bulchiinsi magaalichaa baajata Birrii biiliyoona 1 ramaduun waldaalee shamattootaaf raabsuun tasgabbii gabaaf akka oolchaan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Baajata ramadameen hawaasni fayyadamaa akka ta’uuf shamattoota dhimma dhuunfaaf oolchaaniirratti bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii kan fudhatu ta’uu himaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.