Bulchiinsi magaalichaa qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaan jira jedhe

Finfinnee, Hagayya 28, 2014(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jiraachuu ibseera.

Bulchiinsi magaalichaa ayyaanaan walqabatee qaala’iinsa gatii uumamuu malu tasgabbeessuufi hanqina gama fedhii dhiyeessiin jiru sirreessuuf tarkaanfii garaagaraa fudhachaa jiraachuu eereera.

Bulchiinsi magaalichaa koree gatii tasgabbeessu hundeessuun gara hojiitti galchuu ibsuun, korichi dhiyeessiin gahaan magaalicha keessa akka jiraatuufi qaala’iinsi gatii akka hin uumamneef hojii hordoffiifi seera kabachiisuu kan hojjetu ta’uu eereera.

Yeroo ammaa oomishni hedduun gara magaalichaa gala jiraachuu ibsamuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Gama gabaa Dilbataafi waldaalee shammattootaan oomishaaleen midhaaniifi kuduraaleefi muduraaleen akkasumas bu’aaleen beelladaa hawaasaaf dhiyaachaa jiraachuu eeruun, hawaasni gabaa dilbataafi waldaalee shammatootaarraa oomishaalee gatii madaalawaan bituun fayyadamaa akka ta’u waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment