Bulchiinsi magaalichaa manneen 952 namota harka qalleeyyiif dabarsee kenne

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee manneen waliin jireenyaa kutaa magaalaa Qirqoositti ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen, manneen Konistiraakshinii Raayyaa Ittisa Biyyaafi Heenikan Ityoophiyaan kutaa magaalichaa aanaa 3tti ijaaraman eebbisiisuun furtuu isaa namoota harka qalleeyyiif dabarsanii laataniiru.

Aadde Adaanach Abeebeen haasawaa saganticharratti taasisaniin, bulchiinsi magaalichaa  karoora namarratti xiyyeeffatan giddugala godhachuun bara 2014tti manneen kuma 8 ijaarsisuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif dabarsee kennuu ibsaniiru.

Qaamolee tola ooltotaafi biyya isaanii jaallatan waliin qindaa’uun yoo hojjetan waan hedduu hojjechuu akka danda’an bara itti baratan ta’uus kaasaniiru.

Tola ooltotaa waliin ta’uun ijaarsa manneen 952 xumursiisuun guyyaa har’aa namoota harka qalleeyyiif dabarsanii kennuu ibsuun, qaamoleen deeggartootaa yoo nu deeggaran lammiilee keenya dadhaboo deeggaruu ni dandeenya jedhaniiru.

Hojiin tola ooltummaa aadaa ta’uu akka qabu ibsuun, lammiilee rakkoo keessa jiran gargaaruuf bulchiinsi magaalichaa tola ooltotaa waliin kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Kana caalaa akka hojjetaniif ijaarsi manneen namoota harka qalleeyyii fakkeenya ta’uufii ibsuu ragaan bulchiinsa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment