Bulchiinsi magaalichaa naannoo Tigraayiif Birrii miiliyoona 510 ol deeggarsa taasise

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Tigraayiif deeggarsa akaakuu fi maallaqaa Birrii miiliyoona 510 olii taasiseera.

Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanaach Abeebeen magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaaf laataniiru.

Uffataalee, meeshaalee barnootaa,fayyaa fi meeshaalee galteewwan biirooleef oolaan bulchiinsi magaalichaa lammilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsaan laateera.
Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adanaach Abeebeen magaalaa Maqaleetti argamuun deeggarsicha Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddaaf laataniiru.

Bulchiinsi magaalichaa lammilee sababa waraanaan miidhamaniif Uffataalee, meeshaalee barnootaa,fayyaa fi kanneen biroo deeggarsa taasiseera.

Nageenyarraa malee waraanarraa bu’aan argamu waan hin jirreef, nageenya keenya mirkaneessuu qabna, waraana darbeen hunda keenyatu miidhame jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Miidhaan kutaalee biyyattiitti qaqqabu kamiiyyuu miidhaa hundaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkaatuma waadaa galeen deeggarsa taasiiseef Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetachoo Raddan galateeffataniiru.

Aadde Adaanach Mana Barumsaa bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Tigraayitti ijaaruuf dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment