Bulchiinsi magaalichaa naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Bulchiinsi magaalichaa naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 100 taasise

Finfinnee, Amajjii 6, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Somaaleetti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa meeshaalee fi nyaataa Birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu taasiseera.

Jilli aadde Adaanach Abeebeen durfamu magaalaa Jigjigaa galuun isaa ni yaadatama.

Deeggarsicha kan laataan aadde Adaanach Abeebee akka himaniitti, dhukkubbiin keessaa dhukkubbii keenya, rakkoon keessaan rakkoo keenyaadha, miidhaan isinirra ga’ee hundi hunda keenyaarra akka ga’eetti nutti dhaga’aamaa jedhaniiru.

Kunis miiraan qofa osoo hin taanee qaama argamnee isin cinaa dhaabbachuu keenya agarsiisuu qabna jedhaniiru.

Kunis deeggarsa marsaa jalqabaati kan jedhan aadde Adaanach Abeebee cimsinee itti fufna jedhaniiru.

Preezdaantiin naannoo Somaalee gama isaaniin, Ityoophiyaanoonni hundi hongee naannoo Somaaleetti muudatee dandamachiisuuf dirqamaasaa ba’aachuu qaba jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment