Bulchiinsi magaalichaa manneen harka qalleeyyiif ijaaraman 203 dabarse

Finfinnee, Fulbaana 20, 2016 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen harka qalleeyyii fi maanguddootaa biyyaaf oolmaa guddaa qabaniif ijaaraman 203 dabarseera.

Waqtii gannaa hojii tola ooltummaan manneen ijaaraman kanneen dabarsuun imimmaan maatiii harka qalleeyyii fi maanguddootaa qoorsineerra jedhan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Bara haara kana keessa manneen har’a dabarfaman dabalatee waliigalaan manneen abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa, akkasumas hojjettoota mootummaa qindeessuun ijaaraman kuma 1 fi 889 dabarsineera jedhan.

Hoggantoota , hojjettoota, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa, akkasumas hojjettoota mootummaa hojii gaarii kanarratti hirmaatan hunda galateeffataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment