Bulchiinsi magaalichaa lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa taasiise

Finfinnee, Hagayya 14, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee naannoo Addabaabayii Jarmanitti balaa lolaan lubbuu dhaban 8f deeggarsa garaagaraa taasiise.

Kibxata darbe magaalaa Finfinnee naannoo Addabaabayii Jarman gidduugala Leenjii Guddinaa Tumsaa keessatti balaa lolaa muudateen lubbuun namoota 8 darbuun kan yaadatamuudha.

Jilli Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu iddoo mana jireenyaa maatii namoota lubbuun darbaniitti argamuun jajjabeessaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa maatii miidhamtootaf Birrii miiliyoona 1.3 deeggarsa taasiiseera.

Kutaan magaalaa Nifaas Silk Laaftoos Birrii kuma dhibba 1 deeggarsa taasiiseera.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalaa Finfinnees lammiilee balaa Lolaan miidhaman 650 ta’aniif Birrii miiliyoona 1.5 ol akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiiseera.

Bulchiinsi magaalichaa qaamolee kanneeniif deeggarsa itti fufiinsa qabu kan taasiisu ta’uu Aadde Adaanach ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment