Bulchiinsi magaalichaa hanqina dhiyyeessii oomisha qonnaa furuuf yuuniyeenotaa fi waldaalee waliin qindoominaan hojjechaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hanqina dhiyyeessii oomisha qonnaa furuuf yuuniyeenotaa fi waldaalee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Bulchinsi magaalichaa waliitti hidhamiinsa waldaalee, bittaa fi gurgurtaa akkataa cimsuun danda’amu irraatti Magaalaa Adaamaatti marii taasiisaa jira.

Magaaloota Oromiyaa keessaatti hanqini dhiyyeesii oomisha qonnaa akka hin mudaneef qindoominaan hojjetamaa jiraachu Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Waldaalee bu’uraa fi Yuuniyeenota waliin ta’uun magaalaa Finfinneef illee dhiyyeessaa jiraachuus ibsaniiru.

Naannichaatti oomishtummaa dabaluuf xiyyeefannoon hojjetamaa akka jirus eeraniiru.

Magaalaa Finfinneetti hanqina dhiyyeessii oomisha qonnaa furuuf Yuuniyeenotaa fi waldaalee bu’uuraa waliin hojjetamaa jiraachuu Kantibaa Itti Aanaan Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abaay himuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment