Bulchiinsi magaalichaa guyyaa filannoo biqiltuuwwan kuma dhibba 2 dhaabuuf karoorsuu beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Bulchiinsii Magaalaa Dirree Dawaa Guyyaa Filannoo biqiltuuwwan kuma dhibba 2 dhaabuuf karoorsuu beeksiiseera.
Guyyaa filannichaa namoonni filannoo irratti hirmaataan biqiltuu dhaabbiif qophaa’ee lama lamaa fudhachuun naannoo mana isaanitti dhaabuun Ashaaraa isaanii kaa’uu qabu jedhan Itti Aanaa Kaantiibaan Bulchiinsaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar.
Sagantaa kunis mata duree “Ashaaraa Magariisaan Ityoophiyaa yaa uwwisnu” jedhuun gaggeeffama jedhameera.
Obbo Kadiir kan dura bilqiltuu baayyeen dhaabatuus bu’aa barbaadamuu fiduu hin dandeenye jedhan. kun immoo sababa ho’aa jiruni ta’uu himan.
Qabeenya jijjiirrama qilleensaa to’achuun kan danda’amu biqiltuu seeraan dhaabuun yoo kunuunsaan qofa ta’uu himaniiru.
Maddi:-DhPI
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment