Bulchiinsi magaalichaa carraa manneen jireenyaa 40/60 fi 80/20 boru baasa

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee guyyaa boruu carraa manneen jireenyaa 60/40 marsaa 3ffaa fi 80/20 marsaa 14ffaa akka gaggeessu beeksise.

Sirni carraa baasuu kunis bakka Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, hoggantoonni, taajjabdoonnii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamanitti akka gaggeeffamu ragaan Biiroo Paabilik Sarvisii fi qabeenya humna namaa Bulchiinsa magaalichaarraa argamee ni mul’isa.

Sirna carraa baasuu boruu sa’a 2:00 irraa eegalee gaggeeffamuun kutaalee hawaasaa galmaa’anii eeggataa jiran manneen jireenyaa 60/40 marsaa 3ffaa fi 80/20 marsaa 14ffaa kan dabarsu ta’uun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment