Finfinnee, Adoolessa 16, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee boqonnaa xumura bara 2014 fi hojii boqonnaa qophii bara 2015 gamaaggamaa jiraachuu ibsame.
Gamaaggamichi bakka kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni olaanoon magaalichaa argamanitti eegaleera.
Gamaaggamni kun guyyoota sadiif kan turu ta’uu fi raawwiin hojiilee mootummaa fi paartii bara 2014 kan itti gaamaaggamaman akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo bara 2015 irratti mariin kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.