Bulchiinsi magaalichaa Ayyaana Cuuphaa Kabajuuf Qophii Barbaachiisa xumuruu ibse

Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Bulchiinsi magaalaa Baatuu Ayyaana Cuuphaa Kabajuuf Qophii Barbaachiisa xumuruu ibseera.

Ayyaanni Cuuphaa Hara Dambal magaalaa Baatuutti Kabajamu Sochii Turizimii magaalichaa dabalaa Jiraachuun ibsame.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota misoomsuun hawwattummaa isaanii dabalee madda Turizimii taasisuuf hojii guddaa hojjechaa jira.

Qabeenya uumamaa naannoon Oromiyaa qabdu waggoota dheeraaf dagatamanii turan misoomsuun hojii Turizimiif oolchuun madda galii taasisuun bu’aa hedduun galmaa’a jiru.

Magaalota yeroo ammaa saffiisaan misoomuun Turistoota hawwataa jiran keessaa tokko Magaalaa Baatuuti.

Magaalaan kun gama hundaan jijjiirama ariifachiisaa keessa kan jirtu yoo taatu, giddu gala Turiziimii ta’uu isheef sababa kan ta’e qarqara Hara Dambalitti hundaa’uu isheeti.

Odolowwan Hara Dambal manneen amantaa umrii dheeraa lakkoofsisanii fi hambaalee meeshaalee mana amantichaa hedduu, kitaabni qulqulluun waggoota dheeraan dura gogaa irratti barreeffame kan kiilogiraama 20 ol ulfaatu, Qurxummiiwwan tajaajila nyaataaf oolan gosa 6 ol hammatee kan argamtu ta’uun ibsameera.

Gosni Qurxummii Qoroosoo jedhamuun hawaasa naannichaatiin waamamu mi’aa addaa qabaachuun Turistoota biratti jaalala addaa qabaachun ni dubbatama..

Harri Dambal tajaajila Geejjiba imala Bidiruu kan kennu, iddoo ardaa jila aadaa fi ayyaanni uummataa itti raawwatu yoo ta’u keessumattuu ayyaanni cuuphaa bifa addaatiin magaalattiitti kabajamuun magaalittii giddu gala Turiziimii taasiseera.

Ayyaanni cuuphaa bifa addaatiin Haricha irratti kabajamu hordooftoota amantichaa qofa osoo hin taane,Turistootaa fi hawaasa kutaalee biyyattii adda addaatirraa ayyaanicha kabajuuf waggaa waggaan garas imalan hawwiin guyyicha akka eegaan taasisaa jira.

Kabaja ayyaana cuuphaa bara kanaas bifa addaatiin magaalichatti kabajamuuf Bulchiinsi magaalichaa qophii barbaachiisaa xumuruu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment