Bulchiinsi Magaalichaa akkaataa weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa to’achuun danda’amurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mar’achaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2013 (FBC)-Bulchiinsi magaalaa Finfinnee akkaataa weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa to’achuun danda’amurratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mar’achaa jira.

Maricha irratti itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaata jiru.

Magaalichaatti akkaataa weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa to’achuun danda’amurratti ka’uumsi barreeffamoota dhiyaateera.

Hojiin seeraan alaa akka hin dhaabbanne fi weerara lafaa ittisuuf dhaabbileen itti gaafatamuumman laatameef qindoominaan hojjachuu dhabuu isaaniif sababa ta’uu kaafameera.

Tiziita Dassaalinyitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment