Bulchiinsi magaalicha carraan manneen waliin jireenyaa tibbana ba’e waliin dhahamu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee dhimma hanna daataa kondoominiyeemii 20/80 fi 40/60 tibbana bahe qorachaa jiraachuu beeksiseera.

Dhimmichaan walqabatee shakkamtoota to’annoo jala oolchuun qorachaa jiraachuu ibseera.

Bulchiinsi magaalichaa sirna carraa baasuu booda eeruu argame bu’uura taasiisuun ooditii gaggeesseen ragaan Baankiin ergee fi carraan akka ba’u gara Kompiiyuutaraa gale garaagarummaa qabaachuu ibsa baaseen himeera.

Carraa baasuu dabalatee hanqinoonni iftoominaa hedduun mul’achuu ibseera.

Ogeeyyii fi hooggantoonni shakkaman to’annoo jala oolanii qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsichi ni mul’isa.

Adeemsa dabarsa manneen jireenyaa keessatti iftoominni akka jiraatuu fi hanqinni yoo uumame rakkoo kana irra deebiin odiitii gochuuf haaluma waadaa galameen qaamoleen walaba ta’an dhimmicha qulqulleessaa jiraachuu himeera.

Hojii qulqulleessuu hanga ammaatti hojjetameen namoota qusannoo hin qusanneef carraan ba’uu dabalatee hanqinni iftoominaa mul’iachuu eereera.

Waan ta’eef adeemsa isaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruun warreen manaaf galmaa’aniifi jiraattota magaalichaaf kan ibsamu ta’uu eeruun, namoonni galmaa’an obsaan akka eegan gaafateera.

Dogoggora uumameef bulchiinsi magaalichaa dhiifama kan gaafatu ta’uu ibsuun, hojii qulqulleessuu hanga ammaa hojjetameen namoota hin qusanneef carraan ba’uu dabalatee hanqinaaleen amanamummaa mul’achuu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment