Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Hojilee Misooma Qonnaa Hedduu hojjechaa jira – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2016 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Misooma Qonna magalaan hojiilee baay’ee hojjechaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashooma Addunyaa ibsan.

Hoggantoonni Olaanoo Magaalaa Shaggar, Qondaaltoota Ministeera Qonnaa fi Qonnaan Bultoota waliin akkataa qonna magaalaarratti qindoominaan hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Bulchinsi Magaalichaa qonna magaalaan hojiilee heddu hojjechaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashooma Addunyaan eeraaniiru.

Haaluma kanaan Bulchiinsa magaalaa Finfinneef oomishaalee qonnaa dhiyyeessuun, gabaa tasgabbeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Gara fuula duraattis wabii nyaataa mirkanneessuun ,tattaffii oomishaalee Alaa galaan biyya keessatti bakka buusuuf taasiifamaa jiru milkeessuuf Bulchiinsi magaalicha gahee isaa kan bahatu ta’uu dubbataniiru.

Ministeera Qonnatti Hojii Rawwaachiisaan Qonna Magaalaa fi Carraa Hojii Qonnaa Obbo Silaashii Baqqalaan gamaa isaaniin, qonna magaalaan bakka xiqqootti oomishaa fooyya’aa oomishuun akka danda’amu ibsuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment