Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) –Bulchiinsi Magaalaa Mojoo, lammiilee godina Harargee Bahaa hoongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 900 taasise.
Hawaasa hirmaachisuun deeggarsa midhaan nyaataa kuntaala 900 lammiilee kanneeniif taasisuu Ittaanaan kantiibaa magaalichaa obbo Tsaggaayee Taklahaannaan ibsaniiru.
Torban dhufu keessa marga beelii kuma 1 fi 600 kan ergan ta’uu dubbataniru.
Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Muhaammad gamasaaniin godinichatti roobni yeroo isaa eeggatee roobuu dhabuun hawaasni aanaalee hedduu hoongeef saaxilamuu kaasanii, deeggarsa taasifameef galateeffachuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.