Bulchiinsi Magaalaa Finifnnee manneen waliinii kuma 25 fi 491tti carraa baase

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Sirni carraa baasuu manneen jireenyaa waliinii marsaa 14ffaa sagantaa 40/60 fi 20/80 gaggeeffameera.

Sagantaa kanaarratti Kantiibaan Bulchiinsaa Magaala Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, “Waggootaa hedduuf maallaqaa qusattanii abbaa mana jireenyaa ta’uuf kanneen eeggataa turtan baga gammaddan” jedhaniiru.

Kanneen biroof obsii keessan abdii guddaadha jedhan.

Fedhii fi dhiyeessiin walmadaaluu baatus manneen jireenyaa magaalichatti rakkoo olaanaa ta’uu hubachuun filmaata biroo fayyadamuuf kallattiiwwan furmaataa ka’amuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan gaaffilee hawaasaa deebisuu fi furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa waggoottan darban manneen waliinii ijaarsisaa ture sagantaa 20/80’n, manneen kuma 18 fi 648, sagantaa 40/80’n manneen kuma 6 fi 843 waliigalaan manneen kuma 25 fi 491 carraa baasuun abbootii carraaf dabarseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment