Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Sirna Teeknooloojii ittiin manneen waliin jireenyaa carraan itti baafaman itti hordofu ifoomse

Finfinnee, Adoolessa 1, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Sirna Teeknooloojii ittiin manneen waliin jireenyaa carraan itti baafaman itti hordofu bakka taajjabdoonniifi qaamoleen mootummaa dhimmi ilaallatu argamanitti ifoomseera.

Sirni teeknooloojichaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu fi marsaa afur yaaliin ittiin gaggeeffamuu marsaa 5ffaafi inni xumuraa bakka qaamoleen dhimmi isaa ilaallatu argamanitti gaggeeffamuun sagantaa carraa baasuuf qophii ta’uu eerameera.

Appilikeeshinichi Yuunvarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinneen misoomuu fi qaamolee dhuunfaa fi mootummaa dhimmi ilaallatuun ilaalamee mirkaneeffamuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment