Finfinnee, Eebila 19, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii hojii baatiwwan 9 bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gamaaggameera,
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee gabaasa raawwii hojii baatiwwan 9 bara hojii 2014 dhiyeessaniiru.
Hojiiwwan qaala’insa jireenya fooyyessuu fi meeshaalee bu’uraa baldhinaan dhiyeessuun cancalaa daldala gabaabsuun raawwatamu ibsuun, karaa waldaalee hojii gamtaatiin meeshaaleen bu’uuraa akka dhiyaatan taasifamu aadde Adaanach gabaasichaan eeraniiru.
Lammiilee kuma dhibba 3 fi kuma 29’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, lammiilee kuma dhibba 4 kuma 40 fi 600 ta’aaniif carraan hojii uumamu ibsaniiru.
Dabalatanis misooma lafaan walqabsiisee gaaffiiwwan misooma 101 deebiin kan laatamee fi lafti heektarri kumni 74 ol invastimantiif laatamuun akkasumas lafa heektara 383 karaa seeraan alaatin weerarame ture deebisuun danda’aameera jedhan.
Baatiwwan 9 keessaattis galii Birrii biiliyoona 37.3 walitti qabuuf karoorfamee, galiin Birrii biiliyoonni 43.1 walitti qabamuu aadde Adaanach ibsaniiru.
Waltajjicharratti kan argaman MM Abiy Ahimad raawwii hojii baatiwwan 9 bulchiinsa magaalicharratti yaada laachuun dhimmoota yeroo itti aanaanitti xiyyeeffannoo barbaadaniif kallattiiwwan kaa’aniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.