Bulchiinsi magaalaa Finfinnee namoota harka qalleeyyii kuma 256 oliif maaddii qoode

Finfinnee, Eebla 5, 2015(FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Ayyaanota Faasikaafi Iid Al Faxir sababeeffachuun namoota harka qalleeyyii kuma 256 oliif maaddii qoode.

Waajjirri Kantiibaa magaalichaa namoota harka qalleeyyii kuma 3’f maaddii kan qoode yoo ta’u, kutaalee magaalaafi aanaalee magaalichaa hunda keessatti sagantaan maaddii qooduu gaggeffamaa jira.

Sagantaa maaddii qooduu cinaatti manneen haaromfaman 555 jiraattotaaf dabarfamanii kan kennaman ta’uu ibsameera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment