Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee naannolee 6 fi bulchiinsa magaalaa 1f meeshaalee qulqullina deeggarsa taasise

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee naannolee 6 fi bulchiinsa magaalaa 1f meeshaalee qulqullina deeggarsa taasise.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tatamsa’ina vaayrasi koroonaa ittisuu fi of eeggannoo hojilee fakkeenyaa akka ta’u naannoolee Gambeellaa, Beenishaangul Gumuuz, Affaar, Tigraay, Somaalee, Harar fi Magaalaa Dirree Dawaaf meeshaalee qulqullinaa ittiin eeggataan deeggarsa taasisa.

Magaalichi kanaan duras naanoo naannoolee 3f jechuun Amaaraa, naannoo kibbaa fi naannoo Oromiyaaf tokko tokkoosaaniif birrii miiliyoona 15ti tilmaamamu meeshaalee qulqullina ittiin eeggataan deeggarsa taasisuun ni yaadaatama.

Maarsaa lammaaffaf meeshaalee qulqullinaa ittiin eeggataan guyyaa borirraa eegalee naannoolee hafaniif akka ergu ragaan  Waajjira Kantiibaa argame  ni muldhisa

Comments (0)
Add Comment