Bulchiinsi magaalaa Finfinnee muudama garaagaraa laate

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ce’umsa muudama hooggansaa fi ramaddii haaraa taasiseera.

Bara 2015 keessa gamaaggama taasiiseen ciminootaa fi hanqinaalee adda baasuu eereera.

Ciminaalee jiraan caalmaatti dabaluun riifoormii dhaabbilee cimsee itti fufuu fi hojmaata badaa sirreessuuf hojjettootaa fi hoggansa hanga aanaatti jiranirratti tarkaanfii fudhachuu ibseera.

Haaluma kanaan hojjettootaa 5442 fi hoggansa 280 irratti tarkaanfiin fudhatamuu beeksiseera.

Akkasumas ce’umsa muudama hooggansaa fi ramaddii haaraa taasisuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.

Hoggantoota Biiroolee, sadarkaa itti aanaa fi hojii raawwachiiftoota kutaalee magaalaa muuduu ibseera.

Haaluma kanaan Obbo Sisaay Geetachoo Hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Misooma Lafaa ta’uun yoo muudaman, Aadde Ayidaa Awwal Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Kutaa magaalaa Addis Katamaa, Obbo Taaraqanyi Gammachuu Hojii Raawwachiisaa olaanaa Kutaa magaalaa Lammii Kuraa,Obbo Waldee Wagasee Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa magaalaa Gullallee fi Obbo Baqqalaa Abbabaa Taqabbaan Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa Magaalaa Araadaa ta’uun muudamaniiru.

Namoonni 22 Sadarkaa garaagaraan muudamaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment