Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ilma Ajaja Dhibbaa Geetaachoo Morodaa fi guddiftoota isaaf mana jireenyaa laate

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ilma goota birmadduummaa biyyaa kabachiisuu aarsaa kan ta’ee Ajaja Dhibbaa Geetaachoo Morodaa fi guddiftoota isaaf mana jireenyaa laachuu isaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee beeksisaniiru.

Aadde Adaanach Abeebee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii  akka ibsaniiti, guyyoota 40 bobaa abbaa isaa jala taa’ee Ityoophiyaaf lolaa kan turee daa’imni Biiniyaam Geetachoo (Abbaa Biyyaa) fi guddiftoota adaadaawwan isaa qaamaan argeera jedhan.

Ilmi gooticha ajaja dhibbaa Geetaachoo Morodaa sammuu umri amma irra jiruun wanta arguu hin qabne argeera, gootonni ijoollee Ityoophiyaa biyyaa isaaniif wayita aarsaa ta’aan ijaan argeera, sammusaa keessaatti bocameera jedhan.
Guddiftoota Biniyaamiif manneen waliin jireenyaa seeraan ala qabamanii turan keessaa tokkoo laatamuufi himaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment