Bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhukkubsattoota hospitaala mootummatti kalee dhiqsifataniif baasii waggaa 1 uwwisuuf waadaa gale

Finfinnee, Qaammee 4, 2012 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara haaraa 2013 sababeeffachuun dhukkubsattoota hospitaala mootummatti kalee dhiqsifataniif baasii waggaa 1 uwwisuuf waadaa galeera.

Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adeeneech Abeebee, guyyaa galataa sababeeffachuun ogeeyyii fayyaa Hospitaala Zaawdituutti argaman daawwataniiru.

Aadde Adeeneech, daawwana isaaniin dhukkubsattoonni hospitaala mootumma keessaatti kalee dhiqsifataan baasii yaala isaanii kan waggaa 1 bulchiinsa magaalichan akka uuwwifamu waada galaniiru.

Kunis maallaqatti yoo jijjiirramu Birrii miiliyoona 12 ol akka ta’ee ibsameera.

Sadarkaa biyyaleessaatti ogeeyyiin yaala fayyaa 312 vaayrasii koroonaan qabaman bayyeen isaanii kan dandamatan yoo ta’u, 56 yaalarratti argamu.

Aadde Adaaneech, ogeeyyii fayyaaf sangoota 2 fi hooloota 5 keennan laataniirufi.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment