Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee haala waaqtaawaa naannoo Tigraay fi dhimmoota biroo ilaalchisee hoggansa sadarkaan jiran waliin mari’ateera.
Raayyaan ittisaa rakkoo ture furuuf fi birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf wareegama olaanaa kaffaluu itti aantuun kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanich Abeebee ibsaniiru.
Nageenya ummataa eeguu fi kabachiisuuf wareegamee Raayyaan Ittisaa kaffalaa jiruuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee Birrii miiliyoona Dhibba 5 deeggarsa taasiisuu himaniiru.
Yeroo itti aanu hanga Birrii biiliyoona 2 Ummatarraa walitti qabuun deeggarsa taasiisuuf kan hojjetamu ta’uu himaniiru.
Afawarqi Alamuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.