Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Awtoobisoota haaraa 120 galchuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Awtoobisoota haaraa 120 galchuu beeksise.
 
Awtoobisoota galan kanneen keessaa 70 har’a hojji kan eegalan yoo ta’u, kanneen hafan ammoo guyyoota itti aanu keessa hojii ni eegalu jedhame.
 
Of eeggannoo vaayrasii koroonaaf godhamu cimsuuf Awtoobisoonni kunneen ariitiin gara hojiitti akka galan taasifamuu ragaan waajjira kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Comments (0)
Add Comment