Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa marsaa 4ffaa RIB’f deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa18, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa marsaa 4ffaaf deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiseera.

Deeggarsicha kan kennan Ittaanaan Kantiibaa Magaalichaa Obbo Harbii Buhii, ummanni yeroo mara Raayyaa ittisaa cinaa dhaabbachuun deeggarsaa taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa kanaan duraa deeggarsa Birri miiliyioona 65 taasisuu yaadachiisanii tokkummaa keenyaa eeggachaa Raayya Ittisaa deegaruu qabana jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun Atileet Dinqinee Sooddaa Birrii Kuma 100 Raayyaaf deeggarsa taasisuu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

Deeggarsicha kan fuudhan Daayrektarri Faayinaansii Raayyaa Ittisaa Birgaader Jeneraal Zalaalam Fatanaa, lammiin hundi damee bobba’e hundaan kabaja biyyaaf tumsa taasisaa jiruuf galateeffataniru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment