Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee, Muddee 13, 2014 (FBC)- Bulchiinsii fi uummanni  Magaalaa Dirree Dawaa naannoo Amaaraatti lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasiseera.

Kantiibaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Kadir Juwaar dabalatee hoggantoonni hojii olaanoo magaalichaa, Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa deeggarsicha mootummaa naannichaaf dabarsanii laataniiru.

Obbo Kadir miidhaan garee shororkeessaa ABUTiin naannichatti qaqqabe miidhaa bulchiinsaa fi uummata magaalaa Dirree Dawaa ta’uu himaniiru.

Bulchiinsi fi uummanni magaalichaa lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 5 fi akaakuu Birrii miiliyoona 10 taasisuu ibsaniiru.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Naannichatti garee shororkeessaan ABUT bakkeewwan weeraree turetti qabeenya saamuu fi barbadeessuurra darbee lammiileerra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu himaniiru.

Rakkoo mudate wal deeggaruu fi wal gargaaruun hambisuuf Ityoophiyaanonni biyya keessaa fi alaa deeggarsa gama maraa taaasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuu fi dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa barbadaa’an deebisanii ijaaruuf Ityoophiyaanonni hundi deeggarsa eegalan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment