Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laate

Finfinnee, Guraandhala 4, 2015(FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa haala yeroo ilaalchisuun ibsa laateera.

Magaalichatti amantaaleen hundi nagaan, jaalalaan, walkabajuuniifi waloon kan jiraatan ta’uu ibseera.

Rakkoon tibbana Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa(Tawaahidoo) keessatti uumame karaa hojimaata keessoo mana amantichaan karaa nagaan akka furamuuf bulchiinsi magaalichaa gahee mataasaa ba’achaa turuufi ba’achaa jiraachuu ibseera.

Humnoonni Siyaasaa biyya keessaafi alaa rakkoo uumame bu’uura godhachuun odeeffannoo sobaafi burjaajjii uumuun uummata walitti bu’iinsuufi jeequmsaa keessa akka galu taasisuun Ityoophiyaa dadhabsiisuuf ergaawwan garaagaraa daddabarsaa jiraachuu eereera.

Jiraattonni magaalichaa murtoo Humni Waloo Nageenyaa nageenyaafi tasgabbii lammiilee eegsisuuf dabarse hojiirra oolchuuniifi humnoota badiirraa ofeeguun akkasumas rakkoon mana amantichaa keessatti uumame karaa nagaan akka hiikamuuf itti gaafatamummaa isaa akka ba’atan bulchiinsi magaalichaa waamicha dhiyeesseera.

Hiriirri nagaa Guraandhala 5, 2015’tti waamame nageenya uummataafi bulchiinsa magaalichaarratti rakkoo waan uumuuf magaalichaan kan hin eeyyamamne ta’uun beekamee olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu beeksisuun jiraattonni magaalichaa keessumaa dargaggoonni deeggarsaafi tumsa akka taasisan waamicha dhiyeesseera.

#Ityoophiyaa #Ethiopia #DirreeDawaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment