Bulchiinsi Magaalaa Dirre Dhawaa Godina Goofaaf deeggarsa Birrii Miiliyoona 5 taasise

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Dirre Dhawaa lammiilee Godina Goofaatti sababa sigiga lafaan miidhaamaniif deeggarsa Birrii Miiliyoona 5 taasise.

Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Obbo Xilaahuun Kabbadaan deeggarsa taasifameef galateeffachuun , Itiyoophiyaanoonni hundi naannicha cinaa akka dhabbatan gaafataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Dirre Dhawaa Kadir Juhar deeggarsicha kennuun gadda itti dhaga’ames ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannicharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment