Bulchiinsi magaalaa Buraayyuu lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 10 olitti tilmaamamu taasiise

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Buraayyuu hawaasa Godina Harargee Lixaa hongeef miidhamaniif midhaan nyaataa fi nyaata beelladootaa Birrii miliyoona 10 olitti tilmaamamu deeggarsa taasiiseera.

Bulchiinsi magaalichaa hawaasa hirmaachisuun midhaan nyaataa daakuu qamadii, boqqoolloo, paastaa fi makaroonii kuntaala kuma 3fi 283 akkasumas marga beelii kuma 3fi 330 gara Godina Harargee Lixaatti ergeera.

Lammiilee hongeef saaxilaman dandamachiisuuf akka magaalaatti midhaan nyaataa kuntaala kuma 8 caalu walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment