Bulchiinsi Magaalaa Baabbilee Ulamaa’ota magaalichaa 200 oliif sagantaa Afxiraa qopheesse

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Baatii Ramadaanaa sababeeffachuun Ulamaa’ota 200 oliif bulchiinsi magaalichaa sagantaa afxiraa qopheessera.

Ulamaa’ota kanneeniif sagantaa Afxiraa qopheessuun dhaloota ammaa aadaa walgargaarsaa barsiisuuf jedhan Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Baabbilee obbo Kadiir Gannaa.

Dabalataanis Amantaan kamiiyyuu bu’uurri isaa jaalala ,tokkummaa fi waliif yaaduudha kan jedhan obbo Kadiir Gannaa Abbootii amantaa waliin ta’uun dhaloota jaalalaa fi tokkummaa barsiisuun ni danda’ama jedhanii.

Sirnicharratti kan argaman Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa obbo Abdii Aliyyii gama isaaniin Baatiin Ramadaanaa baatii jaalalaa fi tokkummaa akkasuma ilaalcha gaarii waliif qabaataniidha jedhan.

Ulamaa’onni sirni Afxiraa gaggeeffames gammaduu himuun fuulduraafis hariiroo hawwasummaa cimsuuf gahee guddaa qabaachuu himaniiruu.

Sirna afxiraa Bulchiinsi Magaalaa Baabbilee taasiseefis galateeffataniiruu.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment