Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Asallaa Yuunvarsiitii Arsii waliin ta’uun deeggarsa ayyaana Qilleetiif oolu midhaan nyaataa xaafii adii kuntaala 103.5 maatii duultotaatiif laateera.
Miseensi maatii 807 ta’an maatii duultotaa 207 magaalaa Asallaa ayyaana Qillee kanarratti akka fayyadamaniif midhaan nyaataa xaafiin adiin Birrii kuma dhibba 4 fi kuma 76 fi 100’n bitame kan kennameef.
Yuunvarsiitii Arsiitti qindeessaan sagantaa faasiliitii manaajimantii Qorannoo Obbo Milishaa Gammadii, kun hojiilee tajaajila hawaasaa yuunvarsiitichi hojjatu keessaa isa tokkoodha.kana wanti adda isa godhu ammo, yeroo biyyi keenya rakkoo nageenyaa keessa ilmaan isaanii gara adda waraanaatti biraa waan duulaniif rakkoo midhaan nyaataa maatii duultotaa kanniin mudatu furuuf deeggarsa taasifneedha jedhan.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Asallaa Obbo Gazzaalii Hashuu,akkuma ilmaan isaanii fi abbaan warraa isaanii nagaa biyyaa eeguuf adda waraanaatti biraa deeemanitti nutis yeroo kamuu isaan cinaa jirra jedhaniiru.
Kanumaaf qaamota dhimmi ilaalu waliin deeggarsa walirraa hin cinne gochuudhaaf hojjechaa jirra jedhan.
Deeggarsa taasifameef gammachuudhaan fudhatanii ayyaanicha yaaddoo malee akka dabarsuuf qophaa’oo ta’uus maatiin duultotaa kunneen dubbatanii jiran.
Jamaal Gandootu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.