Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa kaafamtoota misoomaaf lafa mana jireenyaa laate

Finfinnee, Muddee 21, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qonnaan bultoota sababa misoomaatiin bara 2009, 2010 fi 2011 kaafaman 340’f lafa mana jireenyaa kennuu beeksiseera.

Qonaann bultoonni kunneen kanaan dura lafa isaanii irraa kaafamanii lafa mana jireenyaa argachuuf iyyata adda addaa dhiheeffachaa turanis deebii utuu hin argatin deddeebi’aa turuu kaasanii amma garuu gaaffiin isaanii deebi’uusaaf gammachuu qaban ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Dastaa Margaa, lafti mana jireenyaa akka magaalaattiitti qonnaan bultoota 340 ta’aniif kan kenname ta’uu ibsanii haqummaa kenniinsa lafichaa eeguuf koreewwan hawaasaa keessaafi ogeeyyii adda addaa irraa walitti dhufan dhaabuun kan calalame ta’uu dubabtaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee qonnaan bultoonni guddina magaalichaaf lafa isaanii irraa ka’anii yeroo dheeraaf obsaan mootummaa eeggachaa turan galateeffataniiruu.

Walitti dhufeenya babal’ina magaalaa fi buqqaatii qonnaan bulaa bu’uuraan jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa lafasaarraa kaafnee misoomaaf oolchanii abbaa lafaa garagalanii ilaaluu dhabuu hambisuun qonnaan bulaa invastimantii keessatti hirmaachisuun fayayyamummaa isaaniif yoomiyyuu caalaa hojjetamaa jiraachuus dubbachu ragaan Biiroo Dhimmota Kominikeeshinii Mootummaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment