Bulchiinsi maagaalaa Finfinnee dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasisan 83 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Bulchiinsi maagaalaa Finfinnee dhaabbilee daldalaa seeraan ala daballii gatii taasisan 83 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise.

Dhaabbileen kanneen gatiin meeshaalee akka dabaluu fi qaala’iinsi gatii akka mudatu socho’aa turaniiru jedhaniiru Waajjirri Prees Sakreetaariyaatii fi Biiroon Daldalaa magaalaa Finfinne ibsa laataniin.

Vaayrasiin koroonaa mudachuu sababeeffachuudhan daballiin gatii hin malle akka hin taasifamne gareen hordoffii fi to’annaa hundaa’e guyya har’aa hordooffii taasiseen tarkaanficha fudhateera.

Gareen hordoffii fi to’annoo bulchinsa magaalaa Finfinnee kun, jiddugaleessaa amma aanaatti tarkaanificha fudhachuu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Hawaasnis daballiin gatii seeraan alaa akka hin taasifamne eeruu fi tumsa isaa akka itti fufu gaafateera.

Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee akka beeksisetti suuqota gurgurtaa barbaree 67 ol irrattis tarkaanfii fudhateera.

Faarmaasota saaniitaayzara, alkoolii, haguuggii fuulaa fi funyaaniirratti daballii gatii taasisanirrattis tarkaanfiin fudhatameera.

Comments (0)
Add Comment