Bulchiinsi Godina Harargee Bahaa humnoota nageenyaa Godina Wallagga Bahaaf Re’oota 100 gumaache

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Bulchiinsi Godina Harargee Bahaa humnoota nageenyaa Godina Wallagga Bahaaf Re’oota 100 gumaachuu ibsame.

Kayyoon deeggarsichaa humnoota nageenyaa godinicha keessatti ergamtoota ABUT irratti tarkaanfii fudhachaa jiran cinaa dhaabbachuu ibsuuf ta’uu ibsameera.

Deggarsichi uummata aanaa Gooroo Guutuu, Qarsaa, Malkaa Baloo fi Deer irraa kan ergame ta’uu eerameera.

Deggarsicha kan fuudhan bakka bu’aan Qajeelchaaa Poolisii Godina Wallagga Bahaa Komaandar Malkaamuu Bantii, deggarsa kennamef galateeffataniiru.

Sirna wal harkaa fuudhiinsa deggarsicharratti kan argaman Bulchaan Bulchiinsa Godina Wallagga Bahaa obbo Alamaayyoo Tasfaa, ummanni Harargee nageenya naannoosaa mirkaneeffachuuf raayyaa deggaruu irratti kan irraa baratamuudha jedhaniiru.

Ammas daandii Kiiloomeetira 900 ol deemee deggarsa kana fiduunsaa nu cina jiraachuusaa fi tokkummaa Oromoo bahaa hanga dhihaatti jiru mirkaneessuuf waan ta’eef kabajaa fi jaalala guddaa qabnaaf jechuun ragaan BDhKMNO rraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment