Bulchiinsi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee abbootii qabeenyaa alseerummaan hojii albuudaa irratti bobba’an ittise

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Bulchiinsi Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee abbootii qabeenyaa alseerummaan hojii albuudaa irratti bobba’an ittise.

Bulchaan Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee obbo Girmaa Hayiluu fayyadamummaa ummataa fi gaaffii hoji dhabdummaa hawaasa biraa ka’u hundeerraa deebisuuf hojjechaa jira jedhan.

Bu’uuruma kanaan abbootii qabeenyaa oomisha cirrechaa aanaalee godinichaa keessatti fayyadamummaa hawaasaa fi dargaggoota naannoo cinaatti dagachuun qaxxaamuraan duroomuuf hojjechaa jiran irratti tarkaanfii fudhatamuu himaniiru.

Aanaalee godinichaa; Barrak, Sabbataa Awwaas fi Sulultaa keessatti saamicha qabeenyaa uumamaa alseerummaa bakka jirutti ittisuun karaa sirna qabeessa ta’een hawaasnii fi dargaggoowwan godinichaa fayyadamummaan isaanii akka mirkanaa’uuf bulchiinsi godinichaa xiyyeffannoon hojjechaa jira.

Akka Kominikeeshiniin Godina Addaa naannawaa Finfinee beeksiseetti, kana milkeessuuf dargaggoowwan gurmaa’uun rakkoo dinagdee hiikkachuuf abbootii qabeenyaa irraa maashina kireeffachuun abbumman akka hojjetan ni taasifama jedhameera.

Abbootiin qabeenyaas saamicha fi lafa qotee bulaa karaa seeranalaan babal’ifatan irraa akka of qusatanis hubachiisaniiru.

Comments (0)
Add Comment