Bulchiinsi Dirree Dawaa fi Embaasiin Ameerikaa hojjiilee waloon hojjetanirratti mari’atan

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Kantibaan Bulchiinsa Magaala Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi Ityoophiyaatti Dhimma Raawwachiistuun Embaasiin Ameerikaa Ambaasaaddar Tireesii An Jaakoobsan dhimmoota waloon hojjetanirratti mari’ataniiru.

Obbo Kadiir Juhaara toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka eeranitti, damee fayyaa, barnootaa fi dameewwan biroorratti haalota waloon hojjechuu dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Ambaasaddar Tireesii An Jaakoobsan “Afeerraa koo simatanii gara ‘Ityoophiyaa xiqqittii’ Magaalaa Dirree Dawaa dhufuutti gammaadeera” jedhan kantiibaan Magaalaa Dirree Dawaa Obbo Kadiir Juhaar.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment