Finfinnee, Waxabajjii 8, 2016 (FBC) –Bulchiinsi dhaabbilee misoomaa mootummaa baatiwwan kurnan darban gurgurtaa oomishaaleerraa galii Birrii biiliyoona 35.5 walitti qabuu beeksise.
Baatiwwan kurnan darban gurgurtaa oomishaa fi tajaajilarraa galii Birrii biiliyoona 48.5 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 35.5 argamuu Daayrektarri olaanaan bulchiinsichaa Obbo Haabtaamuu Hayilamikaa’eel ibsaniiru.
Galiin argame kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame Birrii biiliyoona 19.3 caalmaa qabaachuu dubbataniiru.
Baatiwwan saglan darban bu’aa Birrii biiliyoona 7.5 argachuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 5.2 argamuu eeraniiru.
Liqaa biyya keessaa Birrii biiliyoona 11.18 deebisuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 8.24 deebisuun danda’amuu himaniiru.
Lammiilee kuma 50 oliif carraan hojii uumamuu Obbo Haabtaamuun ibsuu TOI gabaaseera.