Bulchiinsaa Magaalaa Shaggaritti guyyaan Riivaanii Adii kabajame

Finfinnee, Mudde 1, 2016 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti guyyaan Riivaanii Adii 18ffaan mata duree “Yoomuu, Essattuu, Haala kamuu keessatti Miidhaa koorniyaa bu’uureffate irratti hin callisnu” jedhuun Kutaa Magaalaa Koyyee Facceettii kabajameera.

Wal qixxummaan bakka jirutti misoomni jira, jaalallis jira, kanaaf walqixummaan dhimma murteessaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan himaniiru.

Miidhaa koorniyaa ittisuuf ijaaramaa dubartootaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Dhiibaa dubartorra jaarraa hedduuf ga’aa ture yaadachuun guyyaa kun kan kabajamu ta’uu Itti Gaafatamtuu Waajjira dhimma dubartootaaf Daa’immanni magaalaa Shaggar Aaddee Liidiyaa Caaliin ibsaniiru.

Hirmaannaa fi fayyadamumma dubartootaa mirkaneessuuf ijaarmaa dubartootaa cimsuu dhimma ijoo ta’uu eeruu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Shaggar irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment