Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa si’ataa fi haqa qabeessa taasiisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Paabilik Sarvisii fi qabeenya Humna Namaa magaalichaa beeksiiseera.
Kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroon Paabilik Sarvisii fi Qabeenya Humna Namaa magaalichaa Dooktar Xaasaw Gabreen ibsaniiru.
Tajaajila guddina magaalaa madaaluu fi fedhii ummataan walgitu laachuuf Hojiin Tajaajila Diijitaalaayizeeshinii eegalamuu eeraniiru.
Kenniinsi tajaajilaa hojmaata badaarraa bilisa ta’e, si’ataa fi haqa qabeessa taasiisuuf qorannoon gaggeeffamee jijjiiramni hojmaataa fi gurmaa’insaa taasiifamuu dubbataniiru.
Humna namaa ga’umsaa fi namuusa qabu horachuuf leenjiwwan ijaarsa dandeettii fi madaallii ga’umsaa kan kennamu ta’uu kaasaniiru.
Jiraattoonni magaalichaa tajaajila barbaadu argachaa kan hin jirre ta’uu sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Obbo Xiraatuu Bayyanaan ibsaniiru.
Jiraattoonni kenniinsi tajaajila dhaabbilee fooyya’uu akka qabu irra deddeebiin gaafachuu hordofee qorannoon gaggeeffamuu himaniiru.
Bu’uura kanaan ga’umsaa fi dandeettii hojjettootaa adda baasuuf leenjiwwanii fi madaalliin kan kennamu ta’uu eeruu ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame ni mul’isa.
Hojjettoota Mootummaa bulchiinsa magaalichaa Daayrekteraa eegalee hanga raawwachiisaattii jiraniif qormaanni Madaallii ga’umsaa guyyaa boruu kan kennamu ta’uu himaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.